Industirii ijaarsaa keessatti dorgomaa cimaa tahuun hojjechaa kan jiru,Korporeeshiniin Ijaarsaa Oromiyaa, tajaajila waraqaarraa biliisaa kennuuf, appilikeeshinii bulchiinsa qabeenyaafi Hordoffii hojii, ‘Interperise Resource Planning’ (ERP) jedhamu eebbisuun hojii eegalchiiseera.
Saganticha irrattis,Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiifi Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan akkasumas hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.
Hoggantoonni kunneen, hojiiwwan Korporeeshinii Ijaarsaa Oromiyaa daawwataniiru.
Daawwannaa kanaan koroporeeshinii ijaarsaa Oromiyaatti wiirtuu Garaajii Alamganaa fi Finfinneetti argamu kan daawwatan yoo ta’u, suphaawwan konkolaataa fi hojiirra oolmaa Kaayizanii daawwataniiru.
Koroporeeshiniin ijaarsaa Oromiyaa,yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa dabalatee, naannolee biyyattii biroo keessatti hojii ijaarsaa garaagaraa gaggeessaa jira.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.