Waldorgommiin ogummaa, teeknoloojii, yaadama biizinesii fi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa sadarkaa naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti adeemsifama jira.
Waldorgimmichi qindeessummaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaatiin qophaa’e.
Bu’aan waldorgommichi lammii Ogummaan Ga’oome, Sammuu Qaroome Cee’umsa Teeknoloojiif akka gumaachuf ni gargaara jedhameera.
Waldorgommiifi agarsiifni kunis guyyoota afuriif kan turu ta’uusaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra odeeffanne.