Itooohiyaan Yaa’ii COP-32 Keessumeessuuf Filatamuun Afrikaaf Carraa Guddaadha – Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

You are currently viewing Itooohiyaan Yaa’ii COP-32 Keessumeessuuf Filatamuun Afrikaaf Carraa Guddaadha – Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

‎AMN PLUS – Guraandhala 04/2018

‎Yaa’iin idilee 48ffaa mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa hanga guyyaa borii turu Ministeeroota Dhimma Alaa Biyyoota Miseensa Gamtichaafi keessummoota garaagaraas hirmaachiisuun taa’amu eegaleera.

‎Keessummoota Yaa’iicha irratti hirmaachuuf gara magaalaa Finfinnee dhufan baga nagaan dhuftan jechuun kan simatan Geediyoon Ximootiwoos (PhD) carraa Itoophiyaan yaa’ii COP 32 keessummeessuuf argatteetti dhimma bahuun carraa Afrikaanota maraati jedhaniiru.

Ministirichi carraa guddaa idil Addunyaa harka Itoophiyaa gale kana fayyadamuun Afrikaan marii jijjirama qabeenya haala qilleensaa fi misooma itti fufiinsa qabuun walqabatee mootummootni Addunyaa gaggeessan irratti haqa-qabeessummaa mirkaneessuu dandeessiin ibsaniiru.

‎Yaa’iin Gamtaa Afrikaa bara kanaa dhimma bakka argama bishaanii itti fufiinsa qabuu fi qulqullina qaburratti xiyyeeffachuun isaa, Sirnaakkoo qabeenyii bishaanii Afrikaa irraa maddu of-eeggannoon akkaataa haaromsuun danda’amuu irratti mari’achuuf carraa nuuf kennaa jedhan Dr. Geediyoon Ximootiwoos.

‎Afrikaan laggeen gurguddaa kan akka Abbayyaa (Naayiil), Koongoo, Niijerii fi Zaambeezii akkasumas haroowwan gurguddoo akka Viiktooriyaa, Taangaaniikaa fi Maalaawiitiin Ardii eebbifamte tahus Ministirichi ibsaniiru.

‎Kennaa qabeenya uumama dilbii kana mala itti kunuunfamu, fedhii fi hawwii irraa fayyadamuu qabnu xiyyeeffannaa keessa galchuun qajeelfama ‘UBUNTU’ tiin hogganamuu qabaanis yaadachiisaniiru.

‎Yaa’ii COP-32 keessumeessuuf qophii jabaa irratti kan argamtuu biyyi gaanfa Afrikaa Itooohiyaan yaa’icharraa muuxannoo qabdu qooduun biyyootni Afrikaa kunuunsa qabeenya uummamaafi haala jijjirama qabeenya qilleensaa qolachuun itti danda’amu irratti muxannoo borii isaaniif tahu gudunfachuu akka danda’an Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ibsaniru.

‎Gamtaa Afrikaa jalatti mariin ajandaalee Ardichaa irratti fulleeffatu taasiifamuun walooma Afrikaanotaa cimsuun dantaa Afrikaa dhugaa tarkaanfachiisuuf haala miijataa kan uumu tahus Ministirichi ergaa isaaniin dhaamaniiru

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply