Yaa’ii fi agarsiifni misooma daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan Finfinneetti ni taa’ama

You are currently viewing Yaa’ii fi agarsiifni misooma daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan Finfinneetti ni taa’ama

AMN PLUS Ebla 29/2017

Yaa’ii fi agarsiifni misooma daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan Caamsaa 7 hanga 9 /2017 Finfinnee galma barkumeetti akka taa’amu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Paakistaan Atiif Shariif Miiyan ibsan.

Ambaasaaddarichi ibsa kennaniin, yaa’ii fi agarsiisa kanarratti dhaabbileen oomishaa Paakistaan 100 caalan ni hirmaatu jedhaniiru.

Oomishnii fi meeshaaleen dawaa waldhaansaa, meeshaaleen miidhaginaa, uffannaa fi huccuun,bu’aaleen qonnaa nyaataa fi nyaataan wal qabatan, meeshaaleen jijjiirraa Awutomotiivii, meeshaaleen elektiriikii fi manaa agarsiisa kanarratti nidhihaatu.

Paakistaanitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Jamaal Bakar, riifoormiin dinagdee Gooroo Itoophiyaa dureeyyiin Paakistaan Itoophiyaatti Invast akka godhan kaka’umsa uumaa jira jedhaniiru.

Agarsiifni misoomni daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan tumsa cimaa Itoophiyaa fi Paakistaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf shoora guddaa akka qabaatu kaasuusaanii tajaajila oduu Itoophiyaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply