AMN- Amajjii 9/2017
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalàa Finfinnee miseensota raayyaa nageenyaa kan bara 2017 marsaa lammaffaa eebbisuu isaa beeksiseera.
Sirna eebba kanarratti argamun ergaa kan dabarsan komishineerrii komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argawu, waggottan jijjirama darbanitti damee nageenyaan hojii hojjetamaniin bu’aan gurguddoo argamu himaniru.
Kanaa kessaattis gaheen miseensoota raayyaan nageenyaa fi hawaasaa olaanaa ta’u himaniru.
Ayyaana kataraa fi cuuphaa bifa ho’aa fi tasgabbin akka kabajamuuf poolisiin qophii barbaachisu hundaa taasiseera. Raayyaan nageenyaa har’aa eebbifamanis hojii kanaa tumsuun milkaa’inan akka xumuramuu qooda isaanii bahaachuu akka qaban komishineerrichi himaniiru.
Baraa baajataa kanaatti raayyaa nageenyaa marsaa lammaffaa eebbifaman nageenyaa magaalattii akka eeggamuu fi humna dabalataa ta’un gumaachaa olaanaa kan qabu ta’u Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa Nageenyaa Fi Tasgabbi Magaalaa Finfinnee Aadde Lidiyaa Girmaa himaniiru.

Raayyaan nageenyaa eebbifaman kunniin hawaasa keessaa kan filataman yoo ta’u hawaasni abbaa nageenyaa ta’u kan mul’isu waan ta’ef seerri akka kabajamuu fi tasgabbin hawaasaa akka mirkanaa’uf itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahaachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dirriibaa Yaadataa akka gabaasetti