Ogeeyyiin fayyaa ogummaasaaniin hawaasa tajaajiluun cinaatti dhiiga arjoomaa jiru

You are currently viewing Ogeeyyiin fayyaa ogummaasaaniin hawaasa tajaajiluun cinaatti dhiiga arjoomaa jiru

AMN PLUS Caamsaa 04/2017

Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Dil Corraa Dirree Dhawaa hawaasaaf tajaajila fayyaa kennuun cinaatti lubbuu du’arraa baraaruuf har’a dhiiga arjoomaniiru.

Hospitaalichatti argamuun kanneen dhiiga arjooman ogeeyyiiwwan fayyaa dhaabbilee fayyaa hundarraa walitti dhufan ta’uun ibsameera.

Ogeeyyiiwwan fayyaa dhiiga arjoomanis ogummaasaaniin hawaasa tajaajiluun alatti lammii fayyaalessaafi gahumsa qabu horachuuf hojjetaa jiraachuu eeran.

Fedhii isaaniin dhiiga arjoomuun lubbuu du’arraa baraaruuf kan tumsan ta’uus himan.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Yusuuf Sa’iid ogeeyyiiwwan fayyaa kunneen kutannoon hawaasa isaanii tajaajilaa jiraachuu himan. Warreen dhiiga arjoomanis galateeffachuusaanii TOI’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply