Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Addee Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin bakka buutota hawaasa daldalaa Magaalaa Finfinnee waliin mari’anneerra jedhan.
Kantiibaa Adaanecha Abeebee hawaasni daldalaa magaalichaa sadarkaa garagaraarra jiru mari’achaa turuu himan.
Hawaasni daldalaa Magaalaa Finfinnee magaalattii miidhagsuu, hojiiwwan misoomaa saffisaan xumursiisuu, daa’imman nyaachisuu, uffannaafi meeshaalee barnootaa dhiheessuu keessatti gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.
Marii taasifameenis sirna daldalaafi galii walitti qabuu, adeemsa hojii ammayyeessuu, hanqina naamuusaa raawwattootaafi daldlatoota tokko tokko biratti mul’atu sirreessuuf akkasumas dandeettii raawwachiistummaa cimsuuf hojiiwwan eegalaman caalmaan cimsuuf waloon hojjechuuf walii galleerra jedhan.





All reactions:
7676
1
6
Like
Comment
Share