AMN PLUS-Caamsaa 25/2017
Qormaata Kutaa 6ffaa ,8ffaa fi Kutaa 12ffaa bara 2017’f qophii gahaan taasifamuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibseera.
Guyyaa borii Caamsa 26 bara 2017tti qormaata kutaa 6ffaa kennamuun baratoonni kuma 100fi kuma 69fi176 qormaaticha ni fudhatu jedhamee yoo eegamu barattoonni Kumni 500 fi Kumni 92 ol immoo qormaata kutaa 8ffaa ni fudhatu.
Qormaanni Kutaa 12ffaa bara kana waraqaafi gama on linetiin akka kennamu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo (Dr.) ibsa miidiyaaleef kannaniin himaniiru.
Barattoonni qormaataaf qophii gahaa taasisaa turuu Tolaan (Dr.) ibsaniiru.
Qormaanni Kutaa 12ffaa Waraqaafi Onlinen kan kennamu wayita ta’u Yuunivarsitii naannoo Oromiyaa keessa jiraniifi Manneen Barnootaa Bultii addaa naannoo Oromiyaa 6 keessatti ni kennama.
Oromiyaatti barattoonni Kumni 200 fi Kumni 38 fi 43 qormaata kutaa 12ffaa ni qoramu.
Qormaanni kutaa 6ffaa fi 8ffaa giddu galoota qophaa’an 1,350 keessatti ni kennamu.
Maatiin Barattoota isaanii jajjabeessuu akka qaban himanii, barattoonnis qormaata of-eeggannoon deebisuu akka qaban Tolaan (Dr.) hubachiisaniiru.
Qormaanni kan soroorfamu maashinaan waan ta’eef qulqullinni waraqaa deebiin itti kennamuu eegamuu akka qabu Tolaan (Dr.) dhaamaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.