Gadaan Tuulama Sadeenii Marsaa 71ffaan Ardaawwan Jilaa isaa irratti sirna raawwachuun Odaa Nabeetti godaane
Godaansa kanaan Abbaa jilaa fi baallii Melbaa irraa fudhachuuf kan deemu gogeessi gadaa Mudanaa ardaalee jilaa adda addaatti sirna rawwachuun har’a ganama irraa kaasee gara Odaa Nabee seenaa jira.
Sadan Tuulamaa keessa angafticha kan ta’e Daacciin Ardaa jilaa isaa irratti bobbaa qalee erga of-qulqulleessee fi sirnoota barbaachisu rawwatee booda godaansaaf gara Odaa Nabeetti qajeeleera.
Jahan Bachoo miseensota yaa’ii isaa hunda qabatee Ardaa jilaa Malka Hawaas irratti axaarratee of-qulqulleessuun gara wiirtuu Gadaa Tuulamaa kan ta’e Odaa Nabee qaqqabee jira.
Bachoo kaasee hanga Karrayyuu, dangaa Siikkoo Mandoo fi naannoo Amaaraatti akkasumas hanga daangaa uummata Guraageetti diriirfatee kan qubate jahan Jiillee wiirtuu isaa kan taate Ardaa jilaa Gafarsa Kormaatti har’a Waaqa isaa kadhachuun, sa’a nama eebbifachuun bobbaa qalee; qe’ee Alchiisa ykn duulootti dhiifatee gara Odaa Nabeetti godaane jira.
Jiilleen sadan Tuulamaa keessaa kan ammatti baalliin(Alangeen) harka jirtuu fi kan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoola keessaa dhufaniidha.
Tuulamni Sadeen Wagga darbe kana keesaatti Ardaa Jilaa mataa mataa isaatti sirna garaagaraa raawwatee, chidha godhatee, kan harki dhiigee fi garaan xuraa’e qulqulleeffatee Amna(imala) dheertuu fi dadhabsiisaan booda gara Wiirtuu gadaa isaa Odaa Nabeetti dhufe.
Guyyoota itti aanan sadi’ii hanga shanii keessatti ammoo Seerota wixinatee, kan foyya’uu qabu foyyeeffatee fi kan hafuu qabu hambisee gara qe’ee ofiitti deebi’uuf akka ta’u Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoola addatti AMN PLUS tti himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Odaa Nabee bakka walgeetti kanatti, Tuulamni Dharraa hanga Giincii Ejersa Lafootti, daangaa naannoo Amahaaraa hanga dangaa Saba Guraageetti jiru cufti walgahee tokkummaa isaa kan itti cimsatuu fi kan dabe itti soroorfatuudha.
Korma qalee meendhacha kaawwatee, wal-eebbisee hanga waggaa dhufuutti nagaa dhaammatee walbiraa deemas jedhan.
Haata’u malee, hanga baallii walharkaa fuudhinsi gogeessota Gadaa Melbaa fi Muudana jidduutti asuma Odaa Nabeetti rawwatamutti ganna tokkoof seerota har’a Odaa Nabeetti qaacceffame kana irratti Ardawwan jilaa kan akka Qarree golbee, Odaa Hamdee, Qilxuu Gachii, Fooqa Lumee, Malkaa Hawaas, Gafarsa kormaa fi kanneen biroo irratti maryachaa tura.
Heerri Waaqaa fi malkaa Caffee Dongoraatti ni ragaasifama. Seerri waliigalaa Kan muudanni ittiin Tuulama sadeen ittiin bulchu ammoo Caffee Tumaatti waggaa dhuftu kan dhangala’u ta’uu AMN PLUS odeeffateera.
Bayyanaa Taaddasaa
Shawaa Bahaa Ardaa Jilaa Odaa Nabee irraa