Dargaggoota hojiiwwan misoomaa fi tola ooltummaa keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaniif beekamtiin kenname

You are currently viewing Dargaggoota hojiiwwan misoomaa fi tola ooltummaa keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaniif beekamtiin kenname

AMN PLUS- Waxabajji 09/2017

Magaalaa finfinneetti dargaggoota hojiiwwan misoomaa fi tola ooltummaa sadarkaa magaalaatti,hojjetame keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaniif beekamtiin kenname.

Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Finfinnee, ji’oottan 11 darban akka magaalaatti, gurmaa’insa dargaggootaa keessatti dargaggoota gahee olaanaa ba’ataniif beekamtii kennuun dargaggoota kanneen waliin marii gaggeesseera.

Hogganaan Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Balaay Dajan,waltajjicharratti haasaa taasisaniin, jijjiiramaan asitti, keessattuu waggoottan 7 darbanitti, fayyadamummaa dargaggootaa mirkanneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamuu hordofee, nageenya magaalaa finfinnee mirkaneessuu keessatti gaheen gurmaa’insi dargaggootaa taphate olaanaa tahuu himaniiru.

Sadarkaa magaalattiitti, hojiiwwan tola ooltummaa hojjetamee fi hojjetamaa jiru keessatti dargaggoonni gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himanii, yeroo itti aanuttis hirmaannaa dargaggoonni siyaas-diinagdee keessatti qaban cimsuun itti fufaa jedhaniiru.

Waltajjichis mata duree “Gahee Dargaggootaa Badhaadhina Hunda-Galeessaaf” jedhuun kan adeemsifame yoo ta’u, Sadarkaa magaalaatti hojii tola ooltummaa fi sosochii misoomaa taasifame keessatti dargaggoota gahee olaanaa taphataniif beekamtiin kennameera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply