Tapha Guutuu Itoophiyaa morkii Biskileetii Olaantummaa Naannoo Tigraayiin goolabame

You are currently viewing Tapha Guutuu Itoophiyaa morkii Biskileetii Olaantummaa Naannoo Tigraayiin goolabame

AMN PLUS-Waxabajjii 13/2017

Naannoon Tigraay Tapha Guutuu Itoophiyaa Biskileetin olantummaan goolabe.

Dorgommii biskileetii damee 3’n adeemsifame kanaan Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa dabalatee morkii cimaa kan itti agarsiisan ta’us,sadanuu injifachuun olaantummaan kan xumure naannoo Tigraay.

Kanaanis Takalaay Hagos meedaaliyaa warqee,Bassubaalaw Haaftooyi meedaaliyaa birrii,Baayiluu Fiqiree Finfinnee irraa sadarkaa 3ffaan goolabuun meedaaliyaa naasaa argate.

Dorgommii sa’aatii kan gareen Naannoon Tigraayi 1ffaa,Magaalaan Finfinnee 2ffaa fi Oromjyaan 3ffaa dha.

Dorgommii fageenya Km 120 Nannoo Tigraay 1ffaa,Magaalaan Finfinnee 2ffaa fi Naannoon Oromiyaa 3ffaa ta’uun xumuraniiru.

Misikkir Alamaayyootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply