Sirna eebbichaarratti Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Pirezidaantin Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee Biraanamasqal Xannaa (Dr.), Hooggansi Yuunivarsiitichaafi maatiin barattootaa argamaniiru.
Yunivarsiitichi barattootni 1989 kan eebbisiisaa jiru yoo ta’u,kana keessaa dubartootni 900,dhiiroonni ammoo 1089 ta’uun ibsameera.
Barattoota kanneen keessaa 6 sadarkaa PhD’n akka eebbifaman ragaan Yuunivarsiiticharraa arganne ni mul’isa.
Sagantaan eebbaa kun, Yaaddannoo Injiffannoo Adawaatti adeemsifamaa jira.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase