Hanqina dhiyyeessi qoriichaafi meeshaalee waldhaansaa furuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa akka ta’e Ministeerrii Fayyaa beeksise.

You are currently viewing Hanqina dhiyyeessi qoriichaafi meeshaalee waldhaansaa furuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa akka ta’e Ministeerrii Fayyaa beeksise.

‎AMN PLUS- Waxabajjii 21/2017

‎Sadarkaa biyyaalessaatti rakkolee hanqina dhiyyeessi qoriichaafi meeshaalee waldhaansaa furuuf qaamolee qooda fudhattootaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’u Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

‎Ministeeriichii muxannoo isaa kaleessaa irraa ka’un imaammata fedhiifi dhiyyeessii qoriichaafi meeshaalee waldhaansaa foyya’e bahe hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffachuun qaamolee qooda fudhattootaa sadarkaan jiran waliin galma yaadannoo Injifannoo Adawaatti marii’achaa jira.

‎Mootummaan tajaajila fayyaa ammayyaa’afi dhaqqabamaa ta’e lafa qabasiisuuf rooga maraan damee fayyaa irratti hojilee gurguddoo hojjachaa jira.

‎Rakkoolee haanqina dhiyyeessii qoriichaafi meeshaalee waldhaansaa bal’inaan mul’atuu salphisuuf haanga oomisha biyya keessaa guddisuu akkasumas oomishaalee qoriichaa fi meeshaalee waldhaansaa biyya alaarraa galan yaroo gabaabaafi bal’inaan akka galan mootummaan xiyyeeffannaa addaa hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Aaddee Firiwoot Abbabaan himaniru.

‎Haanqina baajataa damee fayyaa irratti mul’atuuf furuudhaafis ministeerri fayyaa gamaa isaatin qaamolee qooda fudhattoota dhimmichii isaan ilaallatuu waliin ta’uun tarkaanfii garagaraa fudhachaa jiraachuu Aadde Firiwoot ibsaniru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply