Maanguddoon ganna 92 filannoo pirezidaantummaaf qophaa’uu ibsan

You are currently viewing Maanguddoon ganna 92 filannoo pirezidaantummaaf qophaa’uu ibsan

AMN PLUS, Adoolessa 7/2017

Lammiin Kaameruun maanguddoon ganna 92 Paawul Biyaa filannoo pirezidaantummaa Kaameruun yeroo itti aanuu akka dorgoman ibsaniiru.

Maanguddichi bara faranjootaa 1982 irraa eegaluun Kaameruuniin pirezidaantummaan gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, ammas marsaa 8ffaaf kaadhimamaa ta’uu ibsaniiru.

Paawul Biyaa aangoof dorgomuu caalaa yeroo addunyaan qormaata keessa jirtutti biyya koo bayyanachiisuun waan narra jiraatuuf dorgomuun dirqama natti ta’a jedhaniiru.

Filannoon pirezidaantummaa Kaameruun baatii Onkoloolessa dhufuu keessa kan gaggeeffamu yoo ta’u paartileen siyaasaa 5 akka dorgoman ‘Sputnik Afrika’ti gabaase.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply