Xiyyaarri balalii ET-298 Finfinneerraa gara Maqalee balali’e Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa qubachuuf yeroo jedhu mucucaannaan xiqqaan isa mudachuu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa beeksise.
Xiyyaarichi yeroo qubatu roobni roobee waan tureef bakka qubannaa irratti mucucoo uumuu Daandichi eereera.
Odeeffannoo haga ammaa jiruun maamiltoota xiyyaarichaan imalanirra rakkoon homtuu akka hin geenyeefi hojjettoota balalii lama irra miidhaan salphaan gahuun dhaabbata fayyaa dhihoo jirutti yaaliin taasifamaafii jiraachuus eereera.
Nageenya maamiltootasaaf dursa kan kennu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhamaatii maamiltoota mudateef dhiifama gaafachuun odeeffannoon dabalataa yoo jiraate hatattamaan maamiltoota isaaf akka ibsu beeksiseera.