Doonii Jarmanitti Konkolaataadhaan geejjibame quba qabduu?

You are currently viewing Doonii Jarmanitti Konkolaataadhaan geejjibame quba qabduu?

AMN PLUS- Adoolessa 10, 2017

Doonii xiqqaan Xaanaanesh-II tibbana Jibuutiirraa gara Baahirdaaritti konkolaataa guddaan geejjibamuun ajandaa ijoo ta’eera.

Xaanaanesh-II Finfinnee qaxxaamurtee Sulula Laga Abbayyaa milkiin buuteetti.

Geejjibni rakkisaan kun gahumsa loojistiksii biyyattii ifatti kan mul’ise ta’ee osoo jiruu qaamoleen muraasni qeeqanis hin dhabamne.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti baatii Hagayyaa bara 2024 Jarman doonii waraanaa galaana jalaa imalu U17 magaalaaf baadiyyaa keessa konkolaataan geejjibuu quba qabduu?

Jarman doonii kana faayidaa biraaf osoo hin taane Godambaa keessatti lammiilee daawwachiisuuf magaalaa Ispayer jedhamturraa gara Sinshem geessite.

Dhaabbatni geejjiba kana raawwachuuf kontiraata fudhate akkamiin geejjiba kan jedhu waggoota 4f karoorse.

Doonii toonii 350 ulfaatu kana geejjibuuf konkolaattotni gurguddoon 4 hojiirra oolaniiru.

Doonichi dalga meetira 90, asii ol ammoo meetira 10 dheerata.

Riqaalee gadi dhihoo fi sararoota ibsaa jala dabarsuun qormaata guddaa ture. Kanaafis bakka rakkisaattillee teessuma doonii kanaa haga digrii 70 naannessuun jala dabarsuuf dirqamaniiru.

Imala KM 48 qofaaf torban 4 itti fudhateera. Dooniin kun magaalota yoo qaxxaamuru uummanni waan danda’uun tumsee, suura waliin ka’ee, milkii argameef gammachuusaa ibse.

Koomaandarri U17 Yurgen Weebar, “Miirri daawwattootaafi jiraattotaa baayyee nu dinqisiise. Hojii kana yoomillee hin dagannu. Milkaa’uu keenyatuis hedduu gammanne” jedhanii turani.

Akkaataa muuxannoo addunyaatiin dooniin qarqara galaanarra geejjibamuu yoo hin dandeenye konkolaataan geejjibuun dirqama.

Amerikaatti dhaabbatni “Cross country boat Transport” jedhamu waggoota 35f dooniiwwan xixiqqaafi giddugaleessaa bakkaa bakkatti konkolaataan geejjibuun dhaabbata beekamuudha.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply