Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Neetaaniyaahuun sababa summaa’uu nyaataan dhibamanii yaalamaa akka jiran Waajjirri isaanii beeksise.
Neetaaniyaahuun halkan keessa dhukkubbi gubaa garaachaafi qaamni isaanii dhangala’aa gahaa dhabuun irratti mul’achuu eerameera.
Gaggeessaan umrii ganna 75 kun hordoffii yaalaa gahaa argataa jiraachuu eeruun mana isaaniitii hojii mootummaa akka hojjetan Rooyitars gabaaseera.