Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaa xuraawaa mana fincaanii gadilakkisee naannoo faale birrii kuma 300’n adabaame

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaa xuraawaa mana fincaanii gadilakkisee naannoo faale birrii kuma 300’n adabaame

‎AMN PLUS- Adoolessa 17/2017

‎Dhaabbanni Gorsaa Kilaasiik Injiinarsi jedhamu kutaa magaalaa Qirqoos Aanaa 03 iddoo addaa Goorgisii jedhamutti xuraawaa mana fincaanii gadidhiisuun naannoo kan faale adabaamuu isaa Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee beeksise

‎Kana duras akka sirreesuuf dhaabbatichatti himaamus sirreeffama waan hin fidiniif seera dambii 180/2017tiin birrii kuma 300 adabaamuu isaa hojii raawwaachiisan A/T Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumala Zarihuun Tafarraa AMN’tti himaaniiru.

‎Faalama naannoo hambiisuun akka danda’amuuf Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii, ummata eeruu kennan galateeffachaa gara fuulduraattis namoonniifi dhaabbiileen gochaa akkasii irraa akka of qusatan dhamaaniru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply