Magaalaa Finfinnee balaa lolaafi isaan walii wal qabatanii uummamuu malan irraa bilisa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame

You are currently viewing Magaalaa Finfinnee balaa lolaafi isaan walii wal qabatanii uummamuu malan irraa bilisa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame

AMN PLUS- Adoolessa 18/2017

Magaalaa Finfinnee balaa lolaafi isaan W

wal qabatanii uummamuu malan irraa bilisa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Hoji Gaggeessaa Magaalattii beeksisa

‎Waajjirri Hoji Gaggeessaa Magaalaa Finfinnee kenninsa tajàajila mana qooheessaa magaalattii ilaalchisuun, raawwii hojii bara baajataa 2017fi karoora hojii bara baajataa 2018 ilaalchisuun Miidiyaaleef ibsa kenneera.

‎Ibsa Miidiyaaleef kan Kennan Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanatti Hoji Gaggeessaa olaanaan waajjira hojigaggeesaa Magaalaa Finfinnee Injiner Wandimmuu Seetaa, bara baajataa 2017 iddoowwan yaaddoo balaa lolaa ta’uu danda’an 247 addaa baasuun irratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Adoolessa 16/2017 Rooba cimaa roobeen balaan lolaa naannoo hoteela Giyoonitti uummame bala cimaa osoo hin dhaqqabsiisiin too’atamuu eeran.

‎Seektaroonni itti waammamni isaanii Mana qopheessaf ta’an raawwiin hojii isaanii kan bara 2017’s fooyyee qabaachuu Injiner Wandimmuu Seetaa ibsa Miidiyaaleef kennaniin eeraniru.

‎Bara baajataa 2018tti Hojilee fayyadamummaa lammiilee mirkaneessaniifi rakkoo bulchiinsa gaarii furan adda baasuun Finfinnee miidhagdeefi jiruuf mijatte uumuufi karoorfamuu Injinar Wandimmuun himaniiru.

Hojiileen ijaarsa piroojektii mootummaas ta’ee dhuunfaa akkaataa balaa uummamuu malu hambisuun danda’aniin ijaarramuu akka qaban himanii, kallattii hojii seektaroota qindaa’aa bara 2018’s kenaniiru.

‎Sisaay Dirribaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply