AMN PUS- Adoolessa 19/11/2017
Dhaqqabummaa tajaajila fayyaa hawaasaa guddisuuf Bulchiinsii Magaalaa xiyyeeffannaa addaatin hojjechaa jiraachuu Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsaniiru.
Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti pirojektoonni bufataalee fayyaa gaaffii yeroo dheeraa jiraattootaa ta’anii turan qulqullinaafi saffisa ol’aanaa ijaarsiisuun bakka Kantiibaan Itti Aanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaayfi Hoggantoonni olaanoon magaalaa argamaniitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifamaniru.
Pirojektoota damee fayyaa dabalate pirojektoonni damee hundaan ijaarsiisaa jirru sadarkaa dorgomtummaa magaalaa keenya kan guddisaniidha akka ta’e eeraniiru.
Buufataleen fayyaa gurguddoo lama kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 2 fi 11tti sadarkaa isaanii eeggatanii ijaaramuu eebbifaman kunneen itti dhiheenyaan hawaasni tajaajila fayyaa akka argatuu taasisuun gamatti magaalaan Finfinnee giddu gala turiizimii fayyaa akka taatuu kan gargaaruudha jedhaniru.
Bu’uraalee misoomaa fayyaa baasii guddaan ijaaraman hawaasni irraa tajaajila argatu kununsuufi eeguu akka qaban obbo Jaanxiraar Abbaay dhaamaniru.
Hojii raawwachiftuun Ol’aantuu Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aadde Naa’imatallaah Kabbadaa eergaa dabarsaniin hojileen misoomaa fayyadamummaa mirkaneessan Sagantaa 7/24 hojjetamuun tajaajilaaf oolaa jiraachuu dubbataniru.
Magaalaa Finfinnee kutaalee Magaalaa adda addaatti pirojektoonni damee fayyaa ijaaramuun xumuraman eebbifamun tajaajilaa hawaasaaf banaa taasifamaniru.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.