Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) Barreessituu Itti aantuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Amiinaa Mohaammad waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii tiin dabarsaniin Itoophiyaan guyyoota sadan dhufan magalaalaa Finfinneetti Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waloon qopheessuu isheetti gammachuutu itti dhagahama jedhan.
Har’a ganama Barreessituu Itti aantuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waajjirakootti simadheera.
Guutuu Afriikaafi addunyaatti barbaachisummaa sirna nyaataa itti fufiinsa qabu, hirmaachisaafi qormaataaf hin jilbeenfanne dabalatee dhimmoota biroorratti marii bu’a qabesssa taasisnee jirra.
Itoophiyaan Imaammata qindaawaa, hojii qonnaa jijjiirama haala qilleensaaf deebii kennuu danda’u akkasumas wabii nyaataafi hundaaf nyaata madaalawaa dhiheessuun sirna nyaataa fooyyessuuf ejjennoo cimaafi gochaan itti fuftee jirti jechuun ibsaniiru.