Komishinin Marii Biyyaalessaa haal-dureen marii yeroo jalqabaaf Naannoo Tigraayitti qaamoota dhimmi ilaallatu waliin taasise kan milkaa’e ta’uu beeksisee jira.
Dubbi-himaan Komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa Bulchinsa Yeroo Naannoo Tigraayi, Dhaabbata Lamummaafi Paartilee Siyaasaa waliin marii taasisuu isaanii ibsuun, ergaan Bulchiinsi Yeroo Tigraayi Komishinii Marii Biyyaalessaaf qabu haqa qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Yeroo itti aanutti caasaalee hawaasaa hundaa hirmaachisuuf karoorfachuu ibsuun, ummanni Tigraayi marii biyyaalessaa kanarratti dammaqinaan akka hirmaatan dubbi-himaan Kun waamicha dhiyeessaniiru.
Komishinichi kana duras biyya alaafi marsariitii hawaasaan marii taasisaa turuun isaa ni yaadatama.
Guyyaa boruus Afriikaa Kibbaatti hojiwwan ajandaa walitti qabuu kan taasisan yoo ta’u, yeroo itti aanuttis hojiin ajandaa walitti qabuu kan raawwatamu ta’uu Komishinichi hubachiiseera.
Wandimaagany Abbabaatu Gabaase.