AMN dhaggeeffatootaafi hordoftoota isaa hirmaannaa ho’aa taasisaa turaniif beekamtii kenne

You are currently viewing AMN dhaggeeffatootaafi hordoftoota isaa hirmaannaa ho’aa taasisaa turaniif beekamtii kenne

‎AMN PLUS- Hagayya 1/2017

‎AMN waltajjii gabaasa raawwii bara 2017fi karoora bara 2018 irratti dhaggeeffattoota, daawwattootaafi hordoftoota karaa raadiyoofi televiziyoonaan hirmaannaa ho’aa taasisaa turaniif beekamtiifi badhaasa kenne.

‎Badhaasnii kunis hordoftoota yeroo hundaa sagantaalee AMN FM 96.3 fi foddaa televiziyoonaan hirmaannaa walitti fufiinsaan taasisaniif akkasumas AMN filaachuun madda odeeffannoo, bashanannaafi barumsaa godhachuun hordofaniif kan kenname.

Hordoftoonni ‎badhaafaman kunneenis marii raawwii hojii AMN irratti hirmaachuun yaadota miidiyaa isaanii fooyyessuu danda’u jedhan bifa imaanaan kennaniiru.

AMN sagantaawwan rakkoo ummataa furan, barsiisaaniifi bashanaansiisan dhiyeessuu isaatiin hordoftoonni akka dabalan taasiseera jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa.

Badhaasni kunis shoora hordoftootni milkaa’ina AMN keessatti qabaniif beekamtii kenname ta’uu himaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply