Shakkamtoota yakka sharafa seeraan alaa irratti bobba’an herregni baankiisaanii dhorkame

You are currently viewing Shakkamtoota yakka sharafa seeraan alaa irratti bobba’an herregni baankiisaanii dhorkame

AMN PLUS- Hagayya 02/2017

Shakkamtootni 138 karaa seeraan alaan yakka sharafa maallaqa biyyoota alaa irratti bobba’uun shakkaman herregni baankiisaanii dhorkamuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii beeksise.

Tajaajilichi ibsa AMN’f ergeen sirna baankii seera qabeessaafi idilee dhiisuun shakkamtoonni sharafa mallaqa seeraan alaa irratti bobba’an 138 herregni baankii isaanii dhorkameera.

Sharafni Maallaqa Alaa karaa seera qabeessaafi sitna baankii idileen akka geggeeffamu ifatti kan kaa’ame ta’uu kan eere ibsichi, tajaajila sharafaa seeraan alaa irratti qaamolee bobba’an irratti tarkaanfii jabaa akka fudhatu hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply