Daballiin mindaa hojjettoota mootummaa miiliyoona 3.3 oliif baatii Fulbaanaa irraa eegalee hojiirra oola

You are currently viewing Daballiin mindaa hojjettoota mootummaa miiliyoona 3.3 oliif baatii Fulbaanaa irraa eegalee hojiirra oola

‎AMN PLUS-Hagayya 12/2017

‎Daballiin miindaa hojjettoota mootummaa Bara 2018’tti Baatii Fulbaanaa irraa eegalee hojiirra akka oolu himameera.

‎Ministeerri Maallaqaa Riifoormii Tajaajila Mootummaa fi Bulchiinsa Pablik Sarvisii guutummaatti hojiirra oolchuu isaatiin Komishinii Siivil Sarviisiitiin beekamtii argateera.

‎Sirna beekamtii kennuu kanarratti haasawa kan taasisan Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen, riifoormiin gama hedduun mootummaan waggoota muraasa darban hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan.

‎Keessattuu, haaromsi dinagdee gooroo bal’aan galii sharafa alaa guddisuu fi kaka’umsa dinagdee uumuun keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

‎Mootummaan safartuun sharafa alaa gabaan akka murtaa’u, keessumaa namoota miindaa gadi aanaa qabaniif tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuusaas yaadachiisaniiru.

‎Mootummaan rakkoo namoota miindaa dhaabbataa argatan salphisuuf ejjennoo jabaa ta’een hojjechaa akka jiru hubachiisaniiruun fooyya’insi miindaa Fulbaana irraa eegalee hojiirra ooluuf jiru akka ragaa ta’e himameera.

‎Komishinarri Komishinii Siivil Sarvisii Makuriyaa Haayilee (Dr.) gurmaa’insaa fi hojii dhaabbilee mootummaa ammayyeessuun, bulchiinsaa fi misooma humna namaa ogummaa fi ga’umsa qabu diriirsuun tajaajila ga’umsaa fi bu’a qabeessa ta’e ummataaf kennuudhaaf riifoormiin adda addaa taasifamaa akka jiru ibsan.

‎Riifoormiin kun Ministeera Maallaqaa dabalatee dhaabbilee saddeet keessatti sadarkaa sadarkaan hojiirra oolaa akka tures yaadachiisaniiru.

‎Dhaabbileekanneen keessaa Ministeerri Maallaqaa hojiilee qophii adda addaa xumuruun guyyaa har’aa irraa eegalee gara hojiirra oolmaa guutuutti seenuusaa dinqisiifataniiru.

‎Ministeerichi adeemsa raawwii keessatti raawwii fooyya’aa galmeessisuun namoota biroof fakkeenya ta’uu akka qabu akeekaniiru.

‎Mindaa hojjettoota mootummaa Miiliyoona 3.3 ol fooyyessuuf Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 dabalataan akka barbaachisu himuun, kunis kutannoo mootummaa kan agarsiisudha jedhan.

‎Hojjettoonni mootummaa hojii isaanii haala bu’a qabeessa ta’een akka raawwatanii fi misooma biyyaalessaaf gumaacha akka taasisan waamicha akka dhiyeessan TOI’tu gabaasee. ‎

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply