Sagantaan baniinsa sanada caalbaasii liizii lafaa marsaa 6ffaa adeesifamuu isaa Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Lafa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Caalbaasii Liizii Lafaa Marsaa 6ffaa kutaa magaalota 7 keessatti adeemsifameen iddoowwan 132 qophaa’uun beekameera.
Itti Gaafatamaan Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Lafa Magaalaa Finfinnee Obbo Mokonnin Yaa’ii sagantaa baniinsa Sanada Caalbaasii Liizii Lafaa irratti argamuun akka dubbatanitti , namootni kuma 5 fi 215 sanada caalbaasii kana akka bitan himaniiru.
Caalbaasii liizii lafaa marsaa kanaan lafti Iskuweer meetira Kuma 42 caalbaasiidhaaf dhiyaachuun, sanadoota caalbaasii gurgurtaaf dhiyaatan kanarraa Birriin miiliyoona 11.9 argamuu Itti gaafatamaan biirichaa ibsaniiru.
Caalbaasiin liizii lafaa marsaa 6ffaan guyyoota 3f akka turu kan ibsan itti gaafatamaan biirichaa, bu’aan yeroo iddoowwan 45 Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qalitiitti caalbaasii irratti dhiyaatan har’a kan ifoomu ta’uu ibsaniiru.
Caalbaasiin liizii lafaa bara baajata 2018 walitti fufiinsaan kan adeemsifamu ta’uu fi gurgurtaa liizii lafaa irraa Birrii Biiliyoona 18 walitti qabuuf karoorfachuu isaanii itti gaafatamaan birichaa ibsaniiru.
Tewodroos Yisaatiin