Sirna kanarratti Pirezidaanti Taayyee Atsqasilaasee, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Nageenyaa Mahaammad Indiris dabalatee Qondaaltoonni Mootummaa Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee, Maatiin, Hiriyyoonni, Ogeeyyiin Aartii fi dinqisiifattoonni isaanii sirna gaggeessaa kana irratti argamaniiru.
Hojiin Aartii Artist Dabbabaa Isheetuu yaadatamee seenaan jireenya isaa Tiyaatira Biyyoolessaa Itoophiyaatti dhiyaachaa kan jiru yoo ta’u, Namoonni hedduun boqochuu Artistichaatiin gadda itti dhagame ibsaa jiru.
Sirna kanarratti kan argaman Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawit Shaankaa, Artist Dabbabaan bara jireenya isaaniitti damee Aartii Itoophiyaa keessatti Ashaaraa guddaa akka kaa’an himaniiru.
Dantaa ofii osoo hin taane, jaalalaa fi tokkummaa biyyaaf kutannoon kan tajaajilan, biyyi isaaniis yeroo hunda hojii isaaniif akka isaan yaadattu dubbataniiru.
Artist Dabbabaa Isheetuu biyyasaanii kan jaalataniifi bara jireenyasaaniitti kennaasaaniin biyyaafi ummata ofii kan tajaajilaniidha.
Industirii Filmiifi Tiyaatirii Itoophiyaas Sadarkaa olaanaatti kan ceesisaniifi hojiilee Dhalootatti ceehan kan hojjatan tahuu ibsaniiru.
Bara 1934- 2017tti kan jiraataniifi waggaa 83ffaasaaniitti kan boqotanifi Sirni awwaalcha artistii gameessa kanaa Dabbabaa Isheetuu har’a guyyaa sa’aatii 8:00 irratti Kaatediraala Qiddist Sillaaseetti ni raawwatama.
Damee aartii Itiyoophiyaa keessatti gumaacha olaanaa kan bahatan Artistiin gameessi Dabbabaa Isheetuu dhibee isaan mudateen wal’aansa argachaa turanii dheengadda addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.