Morkii Daayimandii Liigii Atileetonni Itoophiyaa tilmaama injifannoo argataniiru.
Waldorgommii daayimand liigii bara 2025 kessummeessuuf magaalota qophaa’an keessaa amma kan hafe magaalota sadii qofa.
Guyyaa boruu ammoo magaalota dorgommii kanaaf filamte 13ffaa kan taate, Loozaanitti dorgommiin fageenya adda addaatiin adeemsifamu hawwiin eegama.
Dorgommii kanaan tilmaama injifannoo kan argatan Atileetonni Itoophiyaa fiigicha meetira kuma 5 dhiirotaan Hagos Gebre-Hiwot, Tilahun Hayilee, Abdisaa Fayyisaa, Saamu’eel Tafarraa fi Zaggabuu Simee ni dorgomu.
Walmorkii kanaan falmiin Atileetota Itoophiyaa fi Atileetota Keeniyaa gidduutti Adeemsifamu hawwiin eegama.
Gama dubartootaan meetira kuma 3 Simboo Alamaayyoo, Wasanee Assaffaa, Alamnaat Waalee fi Masarat Yeshaanee waltajjii kana irratti ni hirmaatu.
Misikkir Alamaayyootiin