Paartileen Siyaasaa 11 waliin hojjachuuf gamtaa uuman

You are currently viewing Paartileen Siyaasaa 11 waliin hojjachuuf gamtaa uuman

AMNPLUS – Hagayya 14/ 2017

Paartileen siyaasaa walitti dhufuun gamtaa paartii siyaasaa tokko hundeessan har’a yaa’iiisaanii jalqabaa gageessaniiru.

Paartileen siyaasaa kunneen garaagarummaa

isaanii kabajuun kaayyoo waloof akka waliin hojjetanis beeksisaniiru.

Walitti qabaan Koree Qindeessituu gamtichaa Daaroot Gumi’a; paartileen siyaasaa walitti dhufuun isaanii tokkummaan humna akka ta’e agarsiisa jedhaniiru.

Paartileen kunneen kanaan dura qofa qofaatti kan socho’aa turan yommuu ta’u, har’a bakka

walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatwarq Haayiluu argamanitti yaa’iisaanii gaggeessuun isaanii beekameera.

Aadde Meelaatwarq Paartileen siyaasaa garaagarummaa

isaanii dhiphisuun qajeeltoo wal kabajuutiin tokko ta’uun isaanii akka isaan galateeffachiisu ibsaniiru.

Boordichi deggersa barbaachisu taasisuuf qophii tahuus beeksisaniiru.

Paartileen gamtaa tokko uummatan kunneenis:-

1. Paartii Haqaa fi Diimookiraasii Agawu,

2. Shangoo Biyyaalessaa Agawu,

3. Paartii Diimokiraatawaa Tigraay

4. Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Doongaa

5. Paartii Diimokiraatawaa Moochaa

6. Sochii Diimokiraatawaa Saba Argobbaa

7. Adda Bilisabaasaa Affaar

8. Paartii Diimokiraatawaa Gaamoo

9. Dhaabbata Diimokiraatawaa

Uummata Kafaa

10. Paartii Magariisaa Kafaa

11. Sochii Diimokiraatawaa Uummata Gaambeellaa ti.

Gamtichi paartii nagaa, guddinaa fi kabaja biyyaaf hojjetu uumuuf akka dandeessisullee ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply