Kitaabni Mootummaa Ida’amuu bu’aa argameefi muuxannoo qabatamaa irratti hundaa’ee kan barraa’e ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) himan.
Dr. Abiyyi Ahimad, kitaaba isaanii falaasama Ida’amuu 4ffaa “Mootummaa Ida’amuu'” ilaalchisee yaada kennaniin, ’Mootummaan Ida’amuu’ seenaawwan ergama isaaf fayyadaman duubatti deebi’uun akka xiinxalu himaniiru.
Gara fuulduraattis tarkaanfachuun waa’ee addunyaa yeroo ilaallu, imala Itoophiyaan addunyaa egeree keessatti qabdullee sirriitti addeessa jedhan, Muummichi Ministiraa.
Kitaaba ‘Mootummaa Ida’amuu’ wanti adda isa godhu yaad-rimee irraa qofa ka’uudhaan kan barreeffame osoo hin taane bu’aawwan adeemsaan argamanirratti hundaa’uun bilchaachaa, bal’achaafi sirreeffamaa barreeffamuu isaa dubbataniiru.
Seenaa Itoophiyaafi Afrikaa keessatti mootummootni haala Bulchiinsa isaanii ilaalchisee sana qopheessan akka hin argine kan dubbatan Dr. Abiyyi, ‘Mootummaan Ida’amuu’ isa adda dureefi fuulduraaf kallattii agarsiisuu malu akka ta’ellee dubbataniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin