Milkaa’inni Misooma Kooriidariifi qarqara laggeeniin arganne baguma mootummaa taane kan nu jechisiisuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr).
Dooktar Abiyyi waa’ee Kitaaba isaanii ‘Mootummaa Ida’amuu’ irratti yaada kennaniin, mul’ata misooma magaalota Itoophiyaaf qabameen bu’aan yeroo gabaabaatti argame Afriikaaf fakkeenya ta’uu himan.
Dureewwan Afriikaa muuxannoo misooma kooriidarii qooddachuuf dhufanu gaaffiin isaanii inni guddaan ga’umsiifi humni kana ijaaru eessaa dhufe kan jedhu dha jedhan.
Hojiin kun ija mul’ataan arguu, garaa jabaachuu, ifaajuufi dadhabbiin kan milkaa’e ta’uu himan.
Misoomni kun magaala qofaa osoo hin taane baadiyyaa Itoophiyaa qabatamaan jijjiiraa jiraachuus ibsaniiru.
Bu’aan argame kana yoo ilaallu, baguma biyya koof dhama’e nu jechisiisa kan jedhan Dr. Abiyyi, warra alaa dhufee ilaaluuf qofa osoo hin taane nu warra keessa deemnee hojjechiisaa oolluufillee ‘baguman mootummaa hundeessee biyya koof kana raawwadhe’ nu jechisiisa jedhan.
Hojii kana Itoophiyaanotni marti ittiin boonuu qabus jedhaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin