Abbaan murtii gara laafessi beekamaan Firaank Kaappri’oo boqotan

You are currently viewing Abbaan murtii gara laafessi beekamaan Firaank Kaappri’oo boqotan

‎AMN PLUS – Hagayya 15/2017

‎Abbaan murtii beekamaan lammii Ameerikaa gara laafummaan beekaman Firaank Kaappri’oo waggaa 88’tti du’aan addunyaa kanarraa boqochuun isaanii beekameera.

‎Abaan murtii kun dhibee kaansarii rajiijii isaan mudate irraa kan ka’e yaalamaa turanii addunyaa kanarraa darbuun isaanii kan dhaga’ame.

‎Bara 2023 jechuunis waggaa lamaan darbe sababuma dhibeen itti hammaateef qophii dhaddachaa ittiin beekaman “Caught in Providence” jedhamu addaan kutuun sooruma ba’anii turan.

‎Ameerikaa, Bulchiinsa Kaalifoorniyaa keessatti Magaalaa argamtu Odola Rood jedhamtu keessatti haala qabiinsa maamiltootaafi faara tolaa, namaaf hoo’uun kan beekaman Kaappri’oon hojii hojjataniin heddummootaan jaallatama guddaa argataniiru.

‎Waggoota 40 ta’aniif yeroo abbaa murtii ta’uun mana murtii Magaalaa Odola Rood keessatti tajaajilan, seenaa yakka raawwatamuun isaa shakkame caalaa, wantoota duuba jiran qoratu.

Kanaanis, namootni akka irraa barataniifi miira waliif yaaduu qabaatan gochuun gochootni yakkaa Magaalattii keessatti akka hir’atan gumaacha guddaa bahachuu isaaniitu himama.

‎Ofii maatii harka qalleessa irraa kan dhalataniifi maatii isaanii gargaaraa barnoota isaanii hanga sadarkaa olaanaatti kan baratan abbaan murtii beekamaa qofa osoon taane jaallatamaa kun, ijoollummaa isaaniitti rakkina garaa garaa keessa bahuun kan sadarkaa kanarra ga’an.

‎Gara laafinni abbummaa isaan agarsiisaniif seen-duubee gocha yakka sanaa qorachuun namootni akka hidhaman osoon taane kanneen biroollee seenaa isaanii irraa barachuun gocha yakkaa irraa akka of eegan gochuu keessatti gahee guddaa qaba.

‎Hojiin isaanii hedduus miidiyaa hawaasummaa irratti baay’inaan kan ilaalamu yommuu ta’u hedduun boqochuu isaaniin gadda itti dhaga’ame ibsachaa jiru.

‎Hojii abbaa seerummaan alattis hawaasa magaala isaaniif gumaacha bahatan keessaa walitti qabaa Koree barnoota odola Rood tahuun Dhaabbatni Isaan hundeessan wagga waggaan daa’immaniifi dargaggoota harka qalleeyyiif carraa barnoota bilisaa mijeessuun heddummootni maaddii beekumsaa irraa akka qooddatan taasisaniiru.

Madda: AP, BBC fi CNN

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply