Gabaa simmintoo tasgabbeessuuf hojii fooyya’iinsaa taasifameen gatiin simmintoo gadi bu’uusaa Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.
Raabsitoonni simmintoo magaalaa Finfinnee kana dura kuntaala tokko birrii kuma 2fi dhibba 4tti gurguraa turan amma gara kuma tokkoofi dhibba tokkootti gadi bu’uu Ministeerichi himeera.
Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaatti Daayirektarri Olaanaan Daldala Biyya keessaa obbo Liiquu Banabbaruu akka ibsanitti tasgabbaa’uun gabaa simmintoo sababoota lamaaf jedhan.

Inni jalqabaa waarshaaleen haaraan gara oomishaatti seenuu isaaniitiin dhiyeessiin oomishaa gahaa ta’e kan argame yoo ta’u, haaromsi sirna daldala simimntoo irratti taasifamee gatii gabaa sirreessuun danda’uu himan.
Waarshaan simmintoo Naashinaal, Dirree Dawaafi Lammii fedhii gabaa simmintoo dhibbeentaa 42 ol uwwisuu Baha Afrikaatti Raabsaan Simmintoo Naashinaaliifi Hoji Raawwachiisaan Olaanaan Miidiyaafi Kominikeeshinii Obbo Ashannaafii Mallasaa ibsaniiru.
Waarshaan Simmintoo Naashinaalii Lammiitti argamuu guyyaatti kuntaala kuma 150 oomishuun gara kuusaalee magaalota Hawaasaa, Adaamaa fi Jimmaatti argamaniitti saffisaan ergaa akka jiru eeraniiru.
Oomisha gahaa gabaaf dhiyeessuu danda’uu isaatiin daldala gabaa simmintoo tasgabbeessuu qofa osoo hin taane dameen ijaarsaa dammaqinaan akka hojjetamuu taasisuus ibsaniiru. Gabaasni kan TOI ti