Gamtaan Afrikaa fi Jaappaan walta’iinsa tarsiimoo isaanii daran cimsuuf akka hojjetan beeksisaniiru.
Fooramiin Jaappaan 9ffaan Misooma Afrikaa Idil Addunyaa (TICAD) magaalaa Yookoohaamaatti taa’ameera.
Koricha irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahamuud Alii Yuusufi fi Pirezidaantiin Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan Akiihiikoo Taanaakaa (Dr.) waliin mari’ataniiru.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa walta’insa tarsiimowaa JICA fi Gamtaa Afrikaa akkasumas diinagdee fi hawaasummaa dabalatee dameelee ijoo Afrikaa keessatti hojiilee invastimantii hojjetaman dinqisifataniiru.
Dura taa’aa fi Pireezidaantichi walta’insa Gamtaa Afrikaa fi Jaappaan gidduu jiru cimsuuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Fooramiin TICAD 9ffaan gara marsaa jijjiirama dinagdee itti fufiinsa qabutti akka ce’uuf hojii waloo uumuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Waltajjiin kun Hagayya 14, 2017 irraa eegalee taa’amaa kan ture har’a murteewwan adda addaa dabarsuun kan xumuramu ta’uu TOI gabaaseera.