Jaappaan magaalaa Kaasamaatti maqaa Shaambal Atileet Abbabaa Biqilaatiin daandiin moggaafame.
Sirna kana irratti Ministirri Industirii Malaakuu Allabal, maqaa goota kanaan daandiin moggaafame kun hariiroo cimaa Itoophiyaafi Jaappaan gidduu tureef boqonnaa haaraa kan banedha jedhan.

“Jaappan michuu dhugaadha” jechuun Uummata fi Mootummaa Jaappaan galateeffataniiru Obbo Malaakuu Allabal.
Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Dhaabaa Dabaleen gama isaaniin, Itoophiyaanonnifi lammiileen Jaappaan guyyaa seena qabeessa kana yeroo hunda yaadatu jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Kasaamaa Yamaguchii Shinjuu daandiin moggaafame kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaan kan cimsudha jedhaniiru.
Shaambaal Atileet Abbabaa Biqilaan Olompiika Tookiyoo bara 1964 irratti Warqee Maaraatoonii injifachuun ni yaadatama.
Madda: Ministeera Dhimma Alaa