Bara baajataa 2018 kanatti gahumsa daldala alaa Itoophiyaa guddisuun doolaara Ameriikaa Biliyoona 9.4 ol sharafa alaan argamsiisuuf karoorri qabamuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahuun Gofee (Dr) ibsan.
Bara bajataa darbe 2017 damee daldalaan bu’aaleen jajjabeessoon argamuun danda’ameera jedhan. Cabiinsa bu’uuraalee misooma gabaa Itoophiyaa suphuuf hojii hojjetameen gabaalee Sanbataa fi Dilbataa 1500 ol fi giddu gala gabaa hundeessuun oomishaa fi bitataan akka wali arganiif haalli mijaa’aan uumamuu ibsaniiru.
Sirna tajaajila teekinooloojii ammayyaa diriirsuun hawaasni daldalaa, bakka jiru taa’ee kalattiin galmee daldalaa fi tajaajila eyyamaa akka argatu kan godhameedha jedhaniiru. Tajaajila galmeefi eyyama daldalaa caalmaatti fooyyessuuf giddugala tajaajilaa iddoo tokkoo “Masoob” kennuu jalqabuu Dr. Kaasaahuun beeksisaniiru.
Albuuda, qonnaa, Induustirii, tajaajila, dhiheessii anniisaa galii argameef gahee murteessaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Bara 2018 tti dandeettii daldala alaa biyyaalessaa guddisuun doolaara Ameriikaa Biliyoona 9.4 ol argachuuf karoorsuu isaanii TOI’tu gabaase.