AMN PLUS – Amajjii 13/17
Magaalaa Finfinneetti ji’oottan jahan darbanitti namoota kuma 142 oliif carraan hojii uumamuu Biiroon Hojii fi Kalaqaa Magaalaa Finfinnee ibse.
Ji’oottan jahan darbanitti namoota Kuma 150f carraan hojii uumamuuf karoorfamee namoota carraa hojii barbaadan kuma 142, 908tiif carraan hojii uumamuuu biirichi gabaasa waltajjii gamaggamaa irratti dhiyeesseen hubachiiseera.
Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoogganaan Biiroo Hojii fi Kalaqaa Obbo Xiraatuu Bayyanaa raawwiin ji’oottan darban kallattiiwwan hojii hundaan galmaa’e kan waggaa darbe yeroo wal fakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.
Intarpiraayizoonni omishasaanii gabaaf dhiyeessan dabalaa jiraachuu fi walitti hidhamiinsa gabaa alaa isaaniif uumameenis ji’oottan jahan darban galii doolaarri miliyoona 20 argameera jedhan.
Darajjee Bayyanaatu Gabaase