Akkaadaamii cheelsii kessattii guddatee Liverpuul kessattii ifee mul’achu Kan eegale dargageessaa ganna 16

You are currently viewing Akkaadaamii cheelsii kessattii guddatee Liverpuul kessattii ifee mul’achu Kan eegale dargageessaa ganna 16

AMN PLUS- Hagayya 20/2017

Maatii hiddaa Nayijeeriyaa qaban irraa bara 2008 Akka lakkofsa Awuroppatti ture Ingilaand Newham kessattii Kan dhalatee

Umurii Isaa wagga 8tti akkaadaamii Cheelsii seenuun kubbaa miilaa filannoo Isaa tasifatee Riyoo Nigumoo ijolummaa isaatti akkataa qabannaa kubbaa isaan taphataa sararaa fulduraa lammii Braaziil Neyimaar waliin wal fakkessuu.

Taphataan kun umurii wagga 10ni ta’ee fulduraa isaa yeroo gafatamuu taphatoota gara fuldurattii ballandori milkessuu danda’aan kessaa tokko akka ta’e ofirratti raagaa guddateraa Liverpuul gahumsaa taphataa kana arguun Arne Slot taphootaa michomaa akkasumas taphootaa murtessoo jedhaman irrattii taphataa dhiibbaa umuu ta’uu isaa agarsiseraa.

Tapha preemer Liigii Ingland torbee 2ffa kilabni isaa Liverpuul gara dirree Sant James Park imaluun Niwukasil Yunaaytid waliin tasisee irrattii taphataa garagarummaa umee ta’uun ajandaa midiyalee gurguddaa ta’u danda’ee Tapha morkii olaanaa irratti mul’ate kun tatee hedduun kan guutame yoo ta’uu Niwuksil taphataa murtessaa isaa Antonii Gordaan kaardii diimaan dhabuun daqiqawwan 50 oliif taphatoota 10nin taphachuuf dirqamera

Goolii 2 fi 0n durfamaa Kan ture gareen Edii Haw Niwukasil goolii 2 walitti ansuun ergaa lakkofsisani boddee qabxii qoddatani bahuuf daqiqa tokko yeroo hin calletti ture taphatan ganna 16 Riyoo Nigumoo kan garagarummaa kilabotaa laman gidduutti umuu danda’e

Arne Slot daqiqa 96ffaa irratti jijjiree gara dirree kan galchee taphataa ganna 16 kana daqiqa 99ffaa irrattii goolii galcheen Liverpuul qabxii 3 fudhatee gara Anfiild Rood akka deebi’uuf sababaa guddaa ta’e

Rabbirraa Hirphaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply