Ayyaanota itti aananii kabajamaniif Zayitii nyaataa liitira Miliyoona 3.2 gabaaf dhiyaate

You are currently viewing Ayyaanota itti aananii kabajamaniif Zayitii nyaataa liitira Miliyoona 3.2 gabaaf dhiyaate

‎AMN PLUS- hagagayya 20/72017

‎Seensa ayyaana waggaa haaraa kabajamu hordofuun zayitiin nyaataa liitira miliyoona 3.2 gabaaf dhiyeessuu isaa Dhaabbanni Hojiiwwan Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

‎Haala kanaan duraa irraa karaa adda ta’een ayyaanota kabajaman irratti fedhiin dhiyeessii dabaluu hordofee hanqinni oomishaa fi daballin gatii akka hin uumamneef bulchiinsi Magaalaa Finfinnee oomishni gahaa ta’e magaalicha akka seenu gochaa jiraachuu beeksisaniiru.

‎Dhaabbileen bal’inaan oomisha gara magaalichaatti galchan keessaa tokko kan ta’e Dhaabbanni Hojiiwwan Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dhiyeessii oomishaalee irratti waan hojjetaa jiru AMN waliin turtii taasiseen ibseera.

‎Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa obbo Masfin Asaffaa, ayyaanota fuul duratti kabajaman ilaalchisee zayiitii nyaataa liitira miliyoona 3.2, oomishaalee qonnaa fi oomishi industrii haala gahaa ta’een akka dhiyaatuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Oomishaleen manaa manatti akkasumas waldaalee oomishtootaa birattis hawaasa bira gahuu akka danda’aniif hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru

‎Dhaabbatichi dhiyeessii oomishaa babal’isuu qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojiiwwan hojjetameen bu’aan argameera kan jedhan obbo Masfin, sababii sirna bittaa fi gurgurtaa daldalaa keessatti dheeratu hir’isuun qaala’insa jireenyaa mul’achaa ture kan fooyyesse ta’uu dubbataniiru.

‎Tewoodiroos Yiisaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply