Dhaabbileen seeraan alaa leenjii gabaabaa kennan 84 Magaalaa Finfinneetti to’ataman

You are currently viewing Dhaabbileen seeraan alaa leenjii gabaabaa kennan 84 Magaalaa Finfinneetti to’ataman

AMN PLUS- Hagayya 20/2017

Bara 2017 Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen 84 eeyyama ogummaa seeraa malee leenjii yeroo gabaabaa kennaa turan hordoffii fi sakatta’iinsa taasifameen to’annoo jala ooluu Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaa fi Leenjii beeksise.

Itti Aantuun Hoji Gaggeessituu Abbaa Taayitichaa Aadde Tagaayituu Abbaabbuu AMN Dijiitaaliif akka himanitti, magaalaa Finfinneetti dhaabbileen leenjii yeroo gabaabaa kennan, akkasumas dhaabbileen eeyyama seeraa malee lammiilee leenjisan akka jiran himaniiru.

Dhaabbilee hordofuu, to’achuu fi tarkaanfii fudhachuun itti gaafatamummaa Abbaa Taayitichaa ta’uu Aadde Tagaayituun ibsaniiru. Hordoffii taasifameen dhaabbileen seeraan alaa 84 lammiilee leenjisuun ragaa gahumsaa kennuu dhabuu isaanii ibsaniiru.

Akkaataa qajeelfamaatiin dhaabbileen leenjii seeraan kennuuf carraa akka qaban, akkasumas damee ogummaa leenjisaa jiran irratti yoo mirkanaa’e eeyyamni akka kennamu hubachiisaniiru. Dhaabbileen hojimaata kana hordofuuf fedhii hin qabne sirnicha keessaa akka baafamanis eeraniiru.

Dhaabbileen leenjii yeroo gabaabaa kennan 24 eeyyama seeraa kan argatan yoo ta’u, dhaabbileen hafan 60 ammoo sirna kanarraa akka baafaman ibsaniiru.

Gara fuulduraattis adeemsi baruu fi barsiisuu seera qabeessaa fi walsimaa akka ta’uuf dhaabbileen barnootaa hundi kallattii Biiroon Barnootaa kenne hojiirra oolchuuf ni hojjannas jedhaniiru.

Ogeeyyiin Abbaa Taayitichaa hojii hordoffii fi to’annoo manneen barnootaa irratti haala wal irraa hin cinneen raawwachaa akka jiran ibsaniiru.

Helan Tasfaayeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply