Abbayyi akkuma maqaa isaa guddaadha, guddina kanarraa waan guddaa eegna jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Fuldurrattis laga abbayyaarratti hidhaawwan hedduu hidhuun biyya keenya qofa osoo hin taane biyyoota ollaas ibsuun akka danda’amu himan.
Abbayyi hidhamee yoo humna ibsaa maddisiisu warra yaa’a gadi jiranirraa bishaan waan hir’atu akka hin jirre dubbataniiru.

Ijaarsa hidha abbayyaarratti namoonni baay’een waan hedduu dubbatanis hojjennee waan agarsiifneef amma akka amananis ibsaniiru.
Qormaanni baay’een osoo jiruu tokkummaafi ejjennoo lammiileen Itoophiyaa agarsiisaniin hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaarra dabree biyyoota ollaa ibsuuf kaayyeffate xumurree addunyaaf akka ifa ta’u taasifneerra jedhan Dooktar Abiyyi.
Piroojektiin hamma fedhe guddatu jalqabnee xumuruu akka dandeenyu hidha haaromsa guddicha Itoophiyaarraa fakkeenya fudhachuun akka danda’amus dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootiin