Itoophiyaafi Ijipt seenaa keessatti yeroo 20ffaaf har’a morkatu

You are currently viewing Itoophiyaafi Ijipt seenaa keessatti yeroo 20ffaaf har’a morkatu

AMN PLUS – Hagayya 30/2017

Gulaallii Waancaa Addunyaatiin morkiin Itoophiyaa fi Ijipt har’a taasisan sababoota hedduuf jaalattoota kubbaa miilaa biratti si’oominaan eegama.

Biyyootno lameen Waancaa Afriikaa waloon hundeessani. Akkasumas hundeeffamaafi bulchiinsa CAF keessatti gahee leencaa qabu.

Amma Ijipt garee Biyyaalessaa Afriikaa ciccimoo jedhaman keessaa tokko yoo taatu, Itoophiyaan garuu taatee addaa darbee darbee mul’isuun ala gahumsa walitti fufaa agarsiisuu hin dandeenye.

Gahumsa fedhe irratti wal arganis morkiin isaanii kun jaalattoota kubbaa miilaa biratti hawwiin eegama.

Gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2026’f ramaddii 1ffaatti kan waliin ramadaman Ijiptiifi Itoophiyaan har’a tapha gulaallii 7ffaa isaanii taasisu.

Ijipt taphoota 6 irraa qabxii 16’n ramaddicha yoo dursitu, Itoophiyaan baayina taphaa wal fakkaataa irraa qabxii 6 qabachuun Sadarkaa 5ffaarratti argamti.

Tapha marsaa jalqabaan Ijipt Itoophiyaa 2-0’n injifachuun ni yaadatama.

Seenaa keessatti yeroo 19’f falmii geggeessaniin Ijipt yeroo 13 injifatte. Itoophiyaan yeroo 3 yoo moo’attu, yeroo xumuraaf kan imjifatteen waggaa sadii dura gulaallii Waancaa Afriikaa irratti ture.

Har’a seenaa isaanii keessatti yeroo 20ffaaf Istaadiyeemii Internaashinaala Kaayirootti morkatu.

Taphicha Abbaa murtii addunyaa Afriikaa Kibbaa Oboongiil Toom ni dursu.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply