Itiyoo-telekoom waggaa haaraa sababeeffachuun deggarsa taasise

You are currently viewing Itiyoo-telekoom waggaa haaraa sababeeffachuun deggarsa taasise

‎AMN PLUS- Hagayya 30/2017

‎Itiyoo-telekoom dhaabbilee tola-ooltummaafi daa’imman maatii harka-qalleeyyiif bara haaraa sababeeffachuun deggarsa kenneera.

‎Deggersa kanaaf birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 baasii taasisuu beeksiseera.

‎Hoji raawwachiistuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireehiwot Taammiruu Waldaa Tola-ooltummaa Mudaayitti argamuun deggersa kana gumaachaniiru.

‎Jalqabbii bara haaraa 2018 ilaalchisuun dhaabbilee tola ooltummaa 39 guutuu biyyaatti argamaniif deggersa birrii miiliyoona 47fi kuma 800’tti tilmaamamu namoota kuma 13 oliif gumaachuu beeksisan.

‎Hojii tola-ooltummaarratti waggaa guutuu hirmaachaa kan jiru dhaabbatichi, daa’imman maatii harka-qalleeyyii kuma 80 oliif meeshaalee barnootaa birrii miiliyoona 98 oliin bitaman dhiyeessuus himaniiru.

‎Dhaabbatichi saganticharratti Waldaa Tola-Ooltummaa Mudaayiif deggarsa birrii miiliyoona 2 fi kuma 600 olii kenneera.

‎Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply