Naannoo Oromiyaa waliin qindaaa’uun oomisha qonnaa galchaa jirra- Biiroo Daldalaa Finfinnee

You are currently viewing Naannoo Oromiyaa waliin qindaaa’uun oomisha qonnaa galchaa jirra- Biiroo Daldalaa Finfinnee

AMN PLUS- Qaammee 5/2017

‎Biiroon Daldalaa Finfinnee Naannoo Oromiyaa wajjin qindaaa’uun oomisha qonnaa naannoo Oromiyaa irraa galchaa jiraachuu beeksise.

‎Ayyaana bara haaraa 2018 kabajamu sababeeffachuun Biiroon kun gabaa Sanbataa fi Dilbataa 219 fi wiirtuu gabaa 5, baazaarii 20 banuun hawaasa tajaajilaa akka jiru ibseera.

‎Oomishni gahaan bakka maratti akka jiraatuuf oomishni qonnaa, oomishaaleen indastirii, oomishni beeyladaa fi kanneen biroo gahaa ta’e naannoo Oromiyaa irraa galfamaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj beeksisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply