Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii beekamaa American Got Talent irratti hirmaataa kan jiran Taammiraatiifi Toomaas badhaasa doolaara miiliyoona tokkoof falmataa jiru.
Maqaa ‘TT Boys’ jedhuun dorgommiirra kan jiran lammiileen kunniin agarsiisa sarkasiitiin abbootii murtii bebbeekamoo addunyaa akka Saayimaniifi Howwii fa’a afaan qabachiisaniiru.
Saayiman Koowel akkas jedhe “Isin goota, gahumsa ajaayibaati” jechuun ibse.
Soofiyaa Vaargaaraan gama isheen “Kun agarsiisa sodaachisaadha, isin garuu akka ajaayibaatti dhiyeessitan” jette.
Dorgommii marsaa 3ffaa gahumsa amansiisaan injifachuun hordoftootni lafaa ka’anii ajaa’ibsiifannaa isaanii ibsuufiin gara marsaa 4ffaattillee darbaniiru.
Hordoftoonni kumaatamaan lakkaa’amaniifi dursaan Waltajjichaa Heneriin, dorgomtoota Itoophiyaa bakka bu’an kanneeniif carraa waltajjii xumuraa irratti hirmaachuu (Golden Buzzer’f) gaaffii dhiyeessallee turan.
Gahumsi ajaayibaa kun Galma san qofa osoo hin taane, guutummaa Amerikaa ajaayibsiiseera.
Dorgommii kana irratti sagaleen Amerikaanotaa shoora olaanaa waan qabaatuuf, dhalattoonni Itoophiyaa garas jiraatan filachuun tumsa yoo taasisan TT Boys bakka guddas gahuu danda’u.
Gareen kun ammaaf dorgommii nuusa xumuraa seenaniiru. Marsaa 4ffaan maaltu isaan mudata laata?
Tagany Bafiqaaduutiin