Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti, Fulbaana 3 Bara 2018, namootni imaltoota fakkaachuun yakka goyyomsaa (Shuwaashuwaa) raawwachuun shakkaman 10 to’annoo jala oolfamanii qoratamaa akka jiran Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Namootni kunneen bakka Baambiis jedhamee waamamutti, Minibaasii lakkoofsi gabatee isaa Koodii 3-98351 ta’e fayyadamuun, Piyaassaa irraa ka’uun iddoowwan garaa garaatti socho’uun yakka kana raawwataa turuu isaanii poolisiin beeksiseera.
Namootni kunneen Minibaasii kana keessa guutanii ta’uun, “Nama tokkotti hafe jechuun erga imalaa seensisanii booda, Takka tiraafikiiti dhufe gadi jedhi jechaa, yeroo biraa ammoo bu’i jechuun imalaa burjaajjessuun bilbila, maallaqaafi wantoota biroo akka goyyomsaan ykn Shuwaashuwaan fudhataa turan, miidhamtoota irraa adda baafachuu poolisiin beeksiseera.
Shakkamtootni 10’n kunneen bilbilaafi maallaqa imaltoota irraa goyyomsanii fudhatan wajjin qabamanii qoratamaa akka jiran Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee ibsuun, imaltootni gara fuulduraatti gochoota yakkaa akkasiif akkan saaaxilamne eeggannoo akka taasisan yaadachiiseera.