Sagantaan baruu fi barsiisuu Bara 2018 manneen barnootaa magaalaa Finfinnee hundatti eegaluu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr) kutaa magaalaa Lammii Kuraa mana barumsaa Idileen Duraa, sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Dudubbisaatti argamuun adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa baruu fi barsiisuu kanarratti barattoota meeshaaleen barnootaa hinguunneef akka guutamuuf ta’eera.
Akkuma baruu fi barsiisuus sagantaan Soorata barattootaas jalqabsiifameera.
Hojii baruu fi barsiisuu 2018 milkaa’aa gochuuf qophii bal’aan taasifamuus ibsameera.
Fiqaaduu Mallasaatu gabaase