Mootummaan Ida’amuu har’a irra dhaabbatee, egeree fooyya’aa ijaara- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Mootummaan Ida’amuu har’a irra dhaabbatee, egeree fooyya’aa ijaara- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS – Fulbaana 7/2018

‎Mootummaan Ida’amuu har’a irra dhaabbatee, egeree fooyya’aa mil’achuun kan ijaaru ta’uu isaa Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.

‎Kitaabni 4ffaa Ministirri Muummee falaasama Ida’amuu irratti xiyyeeffachuun barreessan “Mootummaa Ida’amuu” kaleessa eebbifameera.

‎Sagantaa eebba kanaa irratti Pireezidaanti FDRI Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.), anga’ootni mootummaafi ajajaootni waraanaa olaanoo akkasumas qaamoleen hawaasaa garaa garaa hirmaataniiru.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi kitaabichi “Ka’umsaafi gahumsa, daandiifi mootummaa” yaadota jedhan irratti akka fuuleffatu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan maaliif akka hiyyeessa taateefi daandiin hiyyummaa keessaa ittiin ba’anis furmaataa kaa’uu hubachiisaniiru.

‎Mootummaan Ida’amuu badhaadhina kan hawwu qofa osoo hin taane kan milkeessu akka ta’es addeessaniiru.

“‎Biyya of taateefi fakkeenya taatu ijaaraa jirra” kan jedhan Dooktar Abiyyi kunis haala milkaa’ina qabuun gochaatti akka jijjiiramu ibsaniiru.

‎Hidhi Haaromsaa, Ashaaraan Magariisaafi milkiiwwan damee birootiin galmaa’anis agarsiistuu kanaa ta’uu itti dabaluun caqasaniiru.

‎Daandiin ittiin mul’atni kun milkaa’u yaada kitaabichaa isa 3ffaa ta’uu eeruun karaan kunis hirmaachisaafi gara alaatti illee kan fuulleffatu akka ta’e ibsaniiru.

‎”Sammuu tokkoon yaaduuf osoo hin taane biyya tokko gamtaan ijaaruuf hojjachuufi” kan jedhan Ministirri Muummee, qorichi caba Itoophiyaa yeroo tokkotti fayyisu Ida’amuu akka ta’ellee dubbataniiru.

‎Gama biraan, “Mul’atni egeree keenyaa kan milkaa’u mootummaan jabaa yoo jiraatu” kan jedhan Dooktar Abiyyi mootummaan ammoo bu’uura milkaa’ina waa maraa ta’uu ibsaniiru.

‎Mootummaan Ida’amuu illee har’a irra dhaabbatee egeree kan mil’atuufi galma ga’iinsa galma Ida’amuufis kan hojjatu akka ta’e addeessaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply