Itoophiyaan seensaa fi bahumsaa Galaanaa mijeeffachuun ishee waan hin oolle ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) Ibsan.
Muumichi Ministiraa Abiyyi Ahimad (Dr) yaadama ida’amuu tiin kan barreessan kitaaba ”Mootummaa ida’amuu” eebbifamee dubbisaaf gaheera.
“Itoophiyaatti maqaan karra cufamaafi hiyyummaa moggaasan, akka seera addunyaa fi karaa nagaan irraa ka’a jedhanii, kanaafis carraawwan waltajjii addunyaa argame irratti karaa nagaan dhimma kana hubachiisuu akka itti fufan beeksianiiru.
”Itoophiyaan hiyyuma injifachuuf falmii taasisaa nagaaf dursa laatti” kan jedhan Ministirri Muummee, ulaa galaanaa mijeeffachuun ishee waan hin oolle ta’uu obbolootni ollaa hubatanii yeroo gabaabaa keessatti mariif akka of qopheessanis yaadachiisaniiru.
Dabalataanis, “Dhimmi ulaa galaanaa kun yoo milkaa’e nuti jiraachuu baannus ijoolleen keenya kan dhaloota seenaa hojjetan ta’anii ofii isaanii irra darbanii biyyoota biroo kan gargaaran ta’u” jechuunis dubbataniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin