Ogummaa Dagaagfadhu; Hojii Amansiisaa argadhu

You are currently viewing Ogummaa Dagaagfadhu; Hojii Amansiisaa argadhu

‎AMN PLUS- Fulbaana 8/2018

‎Biiroon Carraa Hoji Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Feestivaala Ogummaa Oromiyaa Fulbaana 11-13/2018’tti mata duree “Ogummaa Dagaagfadhu; Hojii Amansiisaa argadhu” jedhuun akka gaggeessu beeksise.

‎Hoogganaa Itti Aanaafi itti gaafatamaan damee leenjii biirichaa obbo Nasraddiin Qaadii Feestivaalli Ogummaa Oromiyaa kun Inisheetivii Oromiyaa ogummeessuu, hubannoo hawaasa bira jiru fooyyesuu, ogummaa dagaagsuu fi carraa hojii ogummaan durfamuu akkasumas itti fufiinsa qabu lammiileef bal’innaan uumuuf kan qophaa’e ta’uu himaniiru.

‎Dabalataanis, walitti dhufeenya dhaabbilee leenjiifi ogummaa cimsuufi hariiroo hawaasaafi industirii jabeessuuf akka ta’e dubbachuu

‎Rakkoon hojii dhabdummaa waan ta’eef rakkoo kana hiikuuf pooteenshaala naannoo keenya jiru bu’ureeffachuun leenjii kennuu, iddoo qopheessuufi maallaqa liqeessuun hojiin mootummaan hojjechaa jiru abdachiisaa ta’uu dubbataniiru.

‎Rakkoo hojii dhabdummaa xiqqeessuuf leenjii kennuun ogummaan lammiilee ga’umsa qabu horachuun murteessaa ta’uu himuun, namni baratee, leenji’ee ga’oomeef qaroome addunyaa jijjiiramaa waliin deemuu akka qabu dhaamaniiru.

‎Humni nama ogummaan gahoomee abbaa ogummaa argate sanaaf qofa osoo hin taane bu’aa qabeessummaa industriitiif murteessaa ta’uu himuun, leenjiin teeknikaafi Ogummaa gocha irratti kan hundaa’u waan ta’eef Kolleejjota waliin ta’uun yeroo leenjii shaakalsiisuu, humna nama gahoomee mindeesuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

‎Festivaalli ogummaa Oromiyaa kun kolleejjii leenjiifi ogummaa 215 waan dhiyaatuuf hawaasni keenyaa, abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantaa, dhaabbileen miidiyaafi dhaabbileen indastirii naannoo Oromiyaa keessa jiran qooda akka fudhatan waamicha taasisuu isaanii odeeffannoon BKO irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply